Obbo Ahimad Shiideen Barreessituu Olaantuu Giddugala Furmaata Waldhabdee Invastimantii Idil-addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen Barreessituu Olaantuu Giddugala Furmaata Waldhabdee Invastimantii Idil-addunyaa Maartiinaa Poolaaseek waliin haala Itiyoophiyaan miseensa Giddugalichaa ta’uu dandeessurratti mari’ataniiru.

Obbo Ahimad Shiideen wayita kana mootummaan abbootii qabeenyaaf haala mijataa uumuuf kutannoon hojjechaa jira jedhan.

Itiyoophiyaan miseensa giddugalichaa yoo taate biyyattii hawaasa invastimantii idil-addunyaatti makuuf akkasumas amantaa abbootiin qabeenyaa Itiyoophiyaarraa qaban guddisuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Kana malees damee daldalaa saffisiisuuf, damee dhuunfaa cimsuufi invastimantii alaa hawwachuuf shoora olaanaa qabaachuu eeran.

Barreessituu Olaantuun Giddugalichaa Maartiinaa Poolaaseek gama isaaniin, fedhii Itiyoophiyaan miseensa giddugalichaa ta’uuf qabdu dinqisiifachuun deeggarsa teeknikaafi qajeelfama kennuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Fedhii Itiyoophiyaan agarsiiste waldhabdeewwan damee invastimantiirratti uumaman furuufi muuxannoo qabdu qooduuf fedhii qabaachuu ishee kan mul’isu ta’uus hubachiisaniiru.

Qaamoleen lameen tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa giddugalichaa ta’uuf taasistu irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuufi magaalaa Finfinneetti korri qorannoo teeknikaa akka qophaa’uuf waliigalaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama: t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment