Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2018 (FMC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen Daayrektara Olaanaa Fandii Misoomaa Abuudaabii Mahaammad Saayif Alsuwaayidii waliin mari’ataniiru.
Qaamoleen lameen marii walga’ii waggaa Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa cinaatti gaggeessaniin haala michummaa Itiyoophiyaafi Emereetota Araba Gamtoomanii cimsuun danda’amurratti mari’atan.
Obbo Ahimad Shiideen wayita kana Fandiin Misoomaa Abuudaabii Itiyoophiyaatti dameewwan garaagaraan misooma waaraafi pirojektoota carraa hojii uumuu jajjabeessan maallaqaan deeggaruun gahee olaanaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.
Mahaammad Saayif Alsuwaayidii gama isaaniin, tattaaffii diinagdee Itiyoophiyaa ijaaruuf taasifamu deeggaruufi tumsa biyyoota lameenii cimsuuf kutannoo qabaachuu kaasaniiru.
Qaamoleen lameen marii isaaniin misooma waaraa mirkaneessuufi tumsa diinagdee babal’isuun fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf murannoo qabaachuu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama: t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.