Obbo Ahimad Shiideen gitasaanii Israa’el waliin mari’atan

Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2018 (FMC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen gitasaanii Israa’el Beezaaleel Simootiriichi waliin haala tumsa diinagdee biyyoota lameenii cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Qaamoleen lameen marii walga’ii waggaa Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa cinaatti taasisaniin, haala tumsa diinagdeefi invastimantii biyyoota lameenii cimsuun danda’amurratti mari’atan.

Obbo Ahimad Shiideen wayita kana Itiyoophiyaan fayyadamummaa waloo cimsuuf kutannoo qabaachuu kaasanii, dameewwan tumsaa dursi kennamuuf irratti ibsa kennaniiru.

Beezaaleel Simootiriichi gama isaaniin, Israa’el hariiroo invastimantii guddisuun fi kalaqa teeknooloojii, faayinaansii dijiitaalaa, bulchiinsa qabeenya bishaanii, misooma jallisiifi qonna irratti beekumsa ishee qooduun tumsa ishee babal’isuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Ministiroonni lameen Itiyoophiyaafi Israa’el guddinaafi badhaadhina waloof michummaa qaban cimsuun tumsa diinagdeefi misoomaa isaanii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama: t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment