Finfinnee, Fulbaana 23, 2018(FMC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen Pirezidaantii Itti aantuu Baankii Addunyaa Maamtaa Muurtii waliin haala damee misooma namaan waloon hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Obbo Ahimad Shiideen hojii Itiyoophiyaan qulqullina barnootaa mirkaneessuu, eegumsa fayyaa babal’isuu, du’aatii haadholiifi daa’immanii hir’isuu fi waliingahiinsa seeftiineetii dabaluuf hojjechaa jirtu ilaalchisee Maamtaa Muurtiif ibsa taasisaniiru.
Deeggarsa Baakichi Itiyoophiyaatti barnoota, misooma ogummaa, fayyaafi misooma humna namaa akkasumas sagantaa seeftiineetii fooyyessuuf taasisuuf galateeffataniiru.
Pirezidaantii Itti aantuun Baankii Addunyaa Maamtaa Muurtii gama isaaniin, baankichi damee fayyaa cimsuuf akkasumas deeggarsa dameewwan garaagaraan taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.