Obbo Awwaluun Moojootti Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob eegalchiisan

Finfinnee, Guraandhala 5, 2018 (MC) – Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin Magaalaa Moojootti Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob hojii eegalchiisaniiru.

Obbo Awwaluun saganticharratti haasawa taasisaniin, Wiirtuun Tajaajilli giddugala Tokkoo qaawwa mootummaa fi ummata gidduu jiru dhiphisuun itti quufinsaa fi amantaa ummanni mootummaa irraa qabu akka dabalu gochaa jira jedhan.

Saganticharratti Pirezidaantii itti aanaan mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii, Hoggaana Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa fi hoggantoonni olaanoo biroon argamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

Akkasumas Tajaajilli giddugala tokkoo Masoob Magaalaa Asallaattis hojii eegaleera.

Giddugalicha Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Ijaarsaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa hojii eegalchiisaniru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment