Finfinnee, Bitootessa 3, 2013 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Fiinlaand Peekaa Haavistoo waliin mari’ataniiru.
Wayita kanattis keessaayyu haala waliigalaa Ityoophiyaa fi Afrikaa bahaarratti mari’achuu ibsaniiru.
Marii isaaniitin dhiyeessi deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayii akkasumaas haala qabiinsa mirga namoomaa irratti mari’ataniiru.
Akkasumas filaannoo marsaa 6ffaa bara kanaa gaggeeffamuu fi dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii cimsuun danda’amurratti mari’achu fuula Twiitara isaaniin ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.