Finfinnee, Bitootessa 3, 2018 (FMC)- Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoon Magaalaa Aarbaa Minci fi Godina Gaamootti balaa lagni Kuulfoo guutee qaqqabsiise daawwataniiru.
Godinicha iddoowwan garaagaraatti rooba cimaa robe hordofee balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namaa darbuufi qabeenya irra miidhaan qaqqabuu ibsameera.
Obbo Taaggasaa Caafoon lubbuu namaa darbeef gaddi isaanitti dhagahamuu iibsaniiru.
Hojii deeggarsa namoomaafi lubbuu baraaruu mootummaan naannichaa gidinicha waliin ta’uun hojjechaa jirus dinbqisiifataniiru.
Lammiileen akkaataa aadaa waliif yaaduufi wal deeggaruu Itiyoophiyaan lammiilee miidhamaniif deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyeessuu isaanii Biiroon Kominikeeshinii Naannichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.