Obbo Taayyee Danda’aan mana amala sirreessaa galanii dhimma isaanii akka hordofan ajajni kenname

Finfinnee, Caamsaa 26, 2017(FMC) – Obbo Taayyee Danda’aan mana amala sirreessaa galanii dhimma isaanii akka hordofan Manni Murtii ajaja kenne.

Ministir Deetaa duraanii Ministeera Nageenyaa obbo Taayyee Danda’aan mirgi wabii isaanii ka’uun mana amala sirreessaa galanii dhimma isaanii akka hordofan Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ajaja kenneera.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha Adoolessaa 30, 2016 ooleen obbo Taayyee himata irratti dhiyaate lama irraa bilisaan gaggeessuun kan yaadatamuudha.

Yaa ta’uutii yakka meeshaa waraanaa seeraan alaa qabachuun himata irratti dhiyaateef wabiin bahanii beellamaa dhaabbachaa jiraachuun ni beekama.

Abbaan Alangaa himannaa isaanii irra deebiin sochoosuu eegaleera.

Himannaa kanaan dura cufame lama dabalatee galmeen dhimmichaa mana murtiitti akka banamu Poolisiin har’a Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Liddataatti Dhaddacha ramaddii 1ffaa dhimmoota Shororkeessummaa fi Heera Mootummaa gaafaateera.

Obbo Taayyeen gama isaaniin haalli itti to’ataman sirrii akka hin taane, meeshaaleen Elektirooniksii koo fudhatamaniiru, abukaatoo koo waliin mari’adhee dhiyaachuun qaba ture jechuun falmaniiru.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Liddataatti Dhaddachi ramaddii 1ffaa dhimmoota Shororkeessummaa fi Heera Mootummaas falmii bitaa fi mirgaa qorachuun mirgi wabii obbo Taayyee akka ka’u murteesseera.

Himatamaan mana amala sirreessaa galanii dhimma isaanii akka hordofaan ajaja kennuun, ragaa ittisaa dhaggeeffachuuf beellama jijjiirraa Waxabajjii 30, 2017tti qabeera.

Siifan Makonniintu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment