Obbo Tamasgeen Xirunaan Daayrektera Gamtaa Teeleekoominikeeshinii idil addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 2, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xirunaan Daayrektera Gamtaa Teeleekoominikeeshinii idil addunyaa Dooktar Koosmaas Zaavaazaavaa waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota tumsaan hojjechuun danda’amurratti marii bu’aa qabeessa taasisaniru.

Walgahiinsa bu’uuraalee misoomaa, ogummaa fi ijaarsa dhaabbata diijitaalaarratti mari’achuu ibsan obbo Tamasgeen Xirunaan.

Tarsiimoo Diijitaal Itiyoophiyaa 2025’n bu’aan argame kan dinqisiifamu ta’uu Dooktar Koosmaas Zaavaazaavaan ibsaniiru.

Imala ce’umsa diijitaalaa kana caalmaatti cimsuuf tumsa gamticha waliin jiru gara sadarkaa caalutti guddisuuf mariin kun murteessaa ta’uu ibsame.

Galma Tarsiimoo diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuu fi tumsa jiru boqonnaa haaraatti ceesisuuf dameewwan haaraa biroorratti tumsaan hojjechuuf waliigalleerra jedhan obbo Tamasgeen Xirunaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment