Obbo Tamasgeen Xurunaa Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 23, 2018(FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan Ayyaana Irreechaa bara 2018 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa isaaniin Irreechi guyyaa galataa ta’uu kaasanii, Keessaayyuu ayyaana Uumaan dachee roobaan quubse itti yaadatamudha jedhan.

Uummanni Oromoo yeroo miidhagaafi abdiidhaan guutame kanatti Uumaa isa bacaqii ganna keessaa gara birraa quufaafi gabbinaatti isa ceesise waliin ta’ee addabaabayiitti bahee galata kan dhiyeessuuf ya’uu ibsan.

Bara darbe cufee bara haaraa ittiin eegala; Aadaan galateeffannaa akka gabbatu, tokkummaan sabdaneessi akka cimu, Itiyoophiyaan hundarraa – hundumaan – hundumaaf akka taatu Irreechi duudhaashee isa tokkodha jedhan ergaa isaaniin.

Ayyaana galateeffannaa gaarii nuuf haa ta’u; Irra deebiidhaan, baga Ayyaana Irreechaatiin isin gahe jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment