Obbo Tamasgeen Xurunaa Ayyaana Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 16, 2018(FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa Ayyaana Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Masqalaa ayyaana irra deebiin mul’achuufi ol ka’uuti jedhan Obbo Tamasgeen ergaa isaaniin.

Masqaliin waggoota 300 oliif awwaalamee turuu yaadachiisuun, waan badeefi dagatame fakkaatee akka tures kaasaniiru.

Waggoottan booda hogganaa jabaa wayita argatu daamaraan dhaabbachuuni fi gaarri qotamuun irra deebiin bahuufi mul’achuu ibsan.

Kun Itiyoophiyaafis kan hojjetudha; irra deebiin ni kaati, irra deebiin ni ifti, irra deebiin addunyaatti ni mul’atti jedhan.

Ayyaanichi ayyaana gaarii akka ta’us hawwaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment