Finfinnee, Bitootessa 10, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Itti aanaan bbbo Tamasgeen Xurunaan Ayyaana Iid Alfaxir sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.
Baga Ayyaana Iid al-Fixriin Isiniin Ga’e!
Ayyaanni Iid al-Fixrii, guyyaa guddaa ifni gammachuu tokkummaan keessatti calaqqisuu fi jireenyis gaarummaan itti miidhagdee mul’attuudha.
Ji’a guddaa Ramadaana, soomni amantii olitti nu wal yaadachiiseera; salaatni walitti nu dhiyeesseera; hiriirri ifxaaraa immoo maaddii tokko irratti walitti nu qabaa tureera. Kunis waliin jireenya keenya kan Itiyoophiyaanummaa qabatamaan nu agarsiiseera.
Duudhaaleen Iid al-Fixrii ilmaan namootaa hundaaf fayyadan, ijaarsa biyyaatiifis baay’ee barbaachisoodha. Kanaafuu, tokkummaa fi waliif yaaduu yeroo sooma guddaa sana keessa eegalle itti fufsiisuu barbaachisa.
Akkuma seenaa hunda keessatti argine, biyyi waloomaa fi gaarummaa malee ijaaramuu hin dandeessu. Harki gaarummaa rakkoo gara abdiitti, imimmaan gara koflaatti waan jijjiiruuf, gaarummaaf jabaatanii dhaabbachuun barbaachisaadha.
Itiyoophiyaa sab-daneessaa taateef, wal-danda’uu fi miidhagina garaagarummaa keessa jiru akka faayaatti uffatte addunyaa fuulduratti calaqqisuun, Itiyoophiyaa boruutiif abdii ifaa kan maddisiisudha.
Imalli misooma Itiyoophiyaa kan waaraa akka ta’uufi lammiilees haqaan akka fayyaduuf, hundi keenya biyya keenyaaf waan dandeenyu hunda haa gumaachinu!.
Ammas irra deebi’uun, Ayyaana Iid al-Fixrii gaarii nuuf haa ta’u.
#Oromia #Ethiopia