Finfinnee, Hagayya 13, 2017 (FMC)- Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan Pirojeektii Daandii Saffiisaa Mi’eessoo- Dirre Dhawaa eegalchiisaniiru.
Sagantaa eegalchiisarratti obbo Tamasgeen haasawaa taasisaniin, daandichi daldalaa fi diinagdee biyyaa guddisuurraan darbee walitti hidhamiinsa naannawaaf dandeettii dabalataa kan uumuudha jedhan.
Akkasumas naannoolee lamaa fi Bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaa kan walitti fidu ta’uu dubbataniiru.
Daandiin Saffiisaa kun murannoo mootummaan geejjiba ammayyeessuuf qabuufi Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf karoora qabaman milkeessuuf agarsiistuudha jedhan.
Gabaa biyya keessaaf carraa kan uumuufi galmoota naannawaa daldala bilisaa milkeessuufis gahee olaana bahataa jedhan.
Leyikuun Alemtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.