Finfinnee, Mudde 16, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan Dhaabbata Barnootaa Olaanaa Mana Amantaa Kaatoolikii Itiyoophiyaa Iikuustaa Magaalaa Shaggar Naannoo Labuutti argamu daawwataniiru.
Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Dhaabbata Barnootaa Olaanaa Mana Amantaa Kaatoolikii Itiyoophiyaa Iikuustaa Magaalaa Shaggar Naannoo Labuutti argamu daawwadheera jedhan.
Gahee manni amantichaa misooma hawaasummaa keesatti bahachaa jiru jireenya Itiyoophiyaanota hedduu jijjiiraa akka jirus ibsaniiru.
Deeggarsi dameewwan barnootaa, fayyaa, misooma bishaan dhugaatii akkasumas dargaggootaaf leenjii teeknikaan kennuun taasisu imala badhaadhinaa biyya keenyaa keessatti qooda olaanaa qaba jedhan.
Dhaabbanni guyyaa har’aa daawwanne keessumaa damee fayyaan dandeettii qorannoofi wal’aanuu biyya keenyaa ni guddisa jedhan ergaasaaniin.
Hundarra qulqullinni dhaabbatichaa dhaabbilee hedduuf fakkeenya ta’uu akka danda’u ibsaniiru.
Wantoonni barbaachisan guutamanii ariitiin tajaajila isaa akka eegaluuf gama mootummaan deeggarsa barbaachisu ni goona jedhan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa lafa dhaabbatichaaf ta’u kennuu isaaf akkasumas qaamolee teeknooloojii ammayyaan dhaabbaticha deeggaran hunda galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.