Obbo Tamasgeen Xurunaan Hoggantoota Mana Maree Amantaa Kiristaana Amantoota Wangeelaa waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 2, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Itti aanaa Obbo Tamasgeen xurunaan Hoggantoota Mana Maree Amantaa Kiristaana Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa haaraa filataman waliin mari’ataniiru.

Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa gama miidiyaa hawaasummmaa isaaniin dabarsaniin, manni marichaa yaa’ii waliigalaa 5ffaa milkaa’aa gaggeessuu dinqiisifataniiru.

Mootummaan Mana Maree Amantaa Kiristaana Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin dhimmoota waloo biyyaalessaarratti walitti dhiheenyaan kan hojjetuu fi deeggarsa barbaachiisuus ni taasisaa jedhan.

Obbo Tamasgeen Hoggantoota Mana Marichaa haaraa filatamaniif bara hojii gaarii akka ta’uuf haawwaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment