Finfinnee, Bitootessa 3, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan Sagantaa Ifxaaraa Invastimantii Hooldiingii Itiyoophiyaa qopheesse irratti hirmaataniiru.
Saganticharratti Dursaa Itti aanaa Pirezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Abdulkariim Sheek Badiraddiin fi Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Invastimantii Hooldiingii Itiyoophiyaa Dooktar Biruuk Taayyeen argamaniiru.
Dabalataanis hoggantoonni dhaabbilee waamamtootaa Invastimantii Hooldiingii Itiyoophiyaa, hordoftoonni amantichaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Layikuun Alamtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.