Finfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) – Obbo Tasfaayee Niwaay Walitti qabaa Itti aanaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa ta’uun muudamaniiru.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 36ffaa gaggeessaa jiruun muudama hoggantoota Boordii Filannoo Biyyaalessaa raggaasiseera.
Manni marichaa obbo Tasfaayee Niwaayiin Walitti qabaa Itti aanaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa taasisuun muudeera.
Dabalataanis obbo Takliit Yimsaliifi Aadde Nasiim Alii miseensota hoggansa hojii Boordichaa taasisuun moggaaseera.
Iyyoonaadaab Andu’aalamtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.