Finfinnee, Waxabajjii 2, 2017 (FMC) – Taphni xumuraa Waancaa Itiyoophiyaa guyyaa kaleessaa Buna Sidaamaa fi Walaayittaa Diichaa gidduutti Istaadiyeemii Magaalaa Finfinneetti taphatamuun ni yaadatama.
Walitti bu’iinsa deeggartoota kilaboota lamaanii gidduutti uumameen taphichi deeggartoota malee akka taphatamu taasifamuun waldhabdee uumamee ture furuuf poolisiin hojii seera kabachiisuu barbaachisu hojjeteera.
Yaa ta’uutii qaamoleen tasgabbiin Itiyoophiyaa boqonnaa isaan dhorke biyya keessaa fi alaa akka lubbuun namaa darbee fakkeessuun walitti bu’iinsicha caalmaatti babal’isuuf socha’aa jiraachuu hubatameera.
Poolisiin warreen walitti bu’iina dabalataa uumuuf socho’an to’annoo jala oolchuun qorannoo gaggeessaa akka jiru hime.
Bu’aan isaas ummataaf kan ifoomsu ta’uu ibse.
Kanaan alatti ololli lubbuun namaa darbeera jedhamuun tatamsa’u olola sobaa ta’uu mirkaneessera.
Gaheen Ispoortii hawaasa walitti dhiyeessuu ta’ee osoo jiruu deeggartoota kilaboota lamaanii gidduutti waldhabdeen uumame gara birootti osoo babal’itiin Poolisiin tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu fudhateen sochicha to’ateera.
Poolisiin qaamolee olola sobaa facaasaa jiran irratti tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta’uu fi seera maleessummaan akkanaa akka hin adeeffamne qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uu hime ibsa isaan.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.