Finfinnee, Amajjii 6, 2018 (FMC) – Dhaabbileen sosochii hojii Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dabalatee odeeffannoowwan komishinichaa hawaasa biraan gahuuf kutannoon ni hojjenna jedhan.
Komishinichi waltajjii marii dhaabbileen dameewwan Ministeerota Geejjibaafi Loojistiksii, Barnootaa, Fayyaa akkasumas Waldaalee fi Itiyoo-Telekoom irratti hirmaatan gaggeesseera.
Kaayyoon waltajjichaa waliinga’iinsa odeeffannoo Komishinichaa babal’isuuf ta’uun eerameera.
Waltajjichaan komishinichi filmaatawwan miidiyaa dabalataan iddoowwan hawaasni tajaajilamutti, bu’aalee teeknooloojiifi filmaatawwan geejjibaa fayyadamuun haala of beeksisuu fi odeeffannoowwan waliingahuu danda’urratti mari’achuun eerameera.
Dhaabbileen waltajjicharratti hirmaatan mariin biyyaalessaa karaa ittiin nageenyi waaraan mirkanaa’u waan ta’eef tajaajiloota kennaniin hojiilee hubannoo uumuu hojjechuun qooda isaanii kan bahatan ta’uu mirkaneessaniiru.
Itiyoo-Telekoom filmaatawwan daddabarsa odeeffannoo qabu hundaan odeeffannoowwan komishinichaa waliinga’uuf itti gaafatamummaa isaa kan bahatu ta’uu ibsameera.
Dhaabbileen waltajjii kanarratti hirmaatan waliinga’iinsa odeeffannoo koomishinichaaf hojiilee hojjechuu danda’an adda baasuun komishinichaaf kan kennan yoo ta’u, koreen waloo hojiilee kanneen hogganuun hojiirra oolchu hundaa’uufi hojii eegaluuf waliigalteen taasifamuu komishinichi ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.