Ogaartiin eenyummaa fi guddina biyyaaf ijoodha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bakka buutoota hawaasa ogaartii guutuu Itiyoophiyaarraa walitti babba’an waliin mari’atan.

Qabeenya aadaa eeguun tursiisuu, tokkummaa hawaasummaaf cimsanii hojjechuun sabdanuuf sagalee ta’u jedhan.

Gama barnootaniis ogaartiin kalaqaa fi yaada sababaawaa guddisa.

Gama diinagdeenis ogaartiin kalaqa, Tuurizimii fi carraa hojii uumuu dursuun humna akka qabu kaasan.

Bakka buutoonni kunneen dhimmoota ijoo damichaa adda baasuuf marii sadarkaa adda addaatti gaggeeffamaa turerratti kan hirmaatanidha.

Mariin har’aas gahee ijoo qaamolee damicharratti bobba’anii adda baasurratti kan xiyyeeffate ture jedhan Dooktar Abiy.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment