Ogeeyyiin miidiyaafi kominikeeshinii milkaa’inoota argaman mul’isuu keessatti gahee isaanii bahachuu qabu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2017(FMC) – Jijjiirama biyyaalessaa hordofee milkaa’inoota dameewwan hundaan argaman mul’isuu keessatti ogeeyyiin miidiyaafi kominikeeshiin gahee isaanii bahachuu akka qaban ibsame.

Hoggantoota Olaanoofi ogeeyyii miidiyaafi kominikeeshinii  Naannoo Beenishaangul Gumuziif leenjiin ijaarsa dandeettii kennamaa jira.

Itti Gaafatamaan Hariiroo Ummataa fi Idil- addunyaa Paartii Baadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan waltajjicharratti akka jedhanitti, odeeffannoo dhugaa beekumsarratti hundaa’e hawaasaan gahuun hojiilee kominikeeshinii guddummaa Itiyoophiyaa mul’isaniifi daba diinotaa ifoomsan irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha.

Damichi seenessa waloo hawaasa hubachiisuuf gahee olaanaa qabaachuu kaasanii, leenjiin ijaarsa dandeettii hoggansaafi ogeeyyii komonikeeshiniif kennamaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment