Finfinnee, Mudde 4, 2018 (FMC)- Ogeeyyiin Og-aartii dhiibbaa seenessaa qolachuuf seenessawwan walooma cimsan bocuu qabu jedhan Gorsaan Dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Diyaaqon Daani’eel Kibrat.
Waltajjiin marii misooma kalaqa og-aartii irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.
Diyaaqon Daani’eel Kibrat wayita kana galmi waloo diinotaafi baandotaa Itiyoophiyaa dadhabsiisuuf akka ta’e ibsan.
Diinonni Abbaay, Ulaa galaanaa, jabina diinagdee keenyaa, tokkummaa sabdaneessummaa keenyaafi dhaggeeffatamummaa sadarkaa idil addunyaatti qabnurratti qiyyaafatu jedhan.
Biyyoota addunyaa tarsiimoo ji’oopolotikaa gaarii qaban keessaa tokko Itiyoophiyaa ta’uu kaasanii, kana jijjiiruuf Itiyoophiyaarratti waraanni teeknooloojii fi seenessaa gaggeeffamuu ibsan.
Kanaaf ogeeyyiin og-aartii seenessawwan faayidaa biyyaalessaa eegsisaniifi walooma cimsan bocuu akka qaban hubachiisan.
Jijjiiramni biyyaalessaa dhimmoota qiyyaafannaa diinotaa ta’an irratti xiyyeeffachuun hojiilee milkaa’ina qaban hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Itiyoophiyaan dameewwan hedduun riifoormii gaggeessuun, faayidaa biyyaalessaa eegsisuu, tokkummaa sabdaneessummaa cimaa uumuu, ijaarsa dinagdeefi dhaabbilee nageenyaa irratti argamti jedhan.
Ministir Deetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Gargaaraan Piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyee gama isaaniin, mootummaan damee og-aartiif xiyyeeffannoo addaa kennuun hojiilee hedduu hojjechaa akka jiru ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.