Ogeeyyiin yaala fayyaa lubbuu baraaruuf, nuti ammoo Itiyyoophiyaa baraaruuf hojjenna – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2017 (FMC) – Ogeeyyiin yaala fayyaa lubbuu baraaruuf, nuti ammoo Itiyyoophiyaa baraaruuf hojjetaa jirra waan ta’eef tokkummaan dhaabbachuu qabna jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bakka bu’oota ogeeyyii yaala fayyaa guutuu biyyattiirraa walitti babba’an waliin mari’ataniiru.

Ogeeyyiin yaalaa dhukkubsataa yaalurra darbee hojiileen misoomaa mootummaan hojjetaa jiru faayidaa fayyaaf qabu hawaasa hubachiisuu qabu jedhan Dooktar Abiy.

Ogeeyyii fayyaarraa waan baay’eetu eegama kan jedhan Dooktar Abiy, nama yaaluu qofa osoo hin taane hawaasa sochoostu irraa eegama jechuun kaasan.

Akkuma gaaffilee mirgaa gaafatan hawaasa sochoosuu fi imaammata hubachiisuun mootummaa tumsuu akka qaban eeran.

Waggoottan itti aanan keessaa Afrikaatti biyya fakkeenya taate ni qabaanna jedhan.

Hayilamaariyaam Taganyiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment