Finfinnee, Mudde 1, 2018 (FMC)_ Olaantummaa Seeraa mirkaneessuu fi haqa bu’yureessuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachiisaadha jedhan Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii.
Obbo Ordiin milishaa haaraa naannichatti eebbifamaniif qajeelfama hojii kennaniiru.
Wayita kanattis jiruufi jireenya lammiilee sadarkaa isaa eeggate fi fooyya’aa taasisuuf murannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Nageenyi yoo hin jiraanne misooma hojiirra oolchuun hin danda’amu kan jedhan Obbo Ordiin Badrii, nageenya waaraa naannicha jiru eeguun barbaachiisadha jedhan.
Hojiin olaanaan mootummaa nageenya lammiilee eeguu ta’uu ibsuun, galmoota qabaman milkeessuuf olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi haqa bu’uureessuun murteessaa ta’uu kaasuu Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Naannichas Obbo Heenook Muluneh Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.