Finfinnee, Fulbaana 14, 2018 (FMC) – Olompikiin guddattoota Itiyoophiyaa 2ffaan Onkololeessa dhufu keessa Finfinneetti gaggeeffama jedhe Koreen Olompikii Itiyoophiyaa.
Dorgommichi guddattoota umrii waggaa 14 – 17 keessa jiran kan hirmaachisu ta’uu Pireezidaantiin korichaa Dooktar Ashabbir Walda Giyoorgis ibsaniiru.
Kaayyoo olaanaan dorgommichaa hirmaannaa fi fayyaadamummaa dargaggootaa mirkaneessuu ta’uu eeran.
Ispoorteessitoonni dorgommicharratti qabxii gaarii galmeessan Olompikii Guddattoota Afrikaa Angoolaatti gaggeeffamurratti Itiyoophiyaa bakka bu’uun kan hirmaatan ta’a jedhan.
Olompikiin guddattoota Itiyoophiyaa kun gosoota Ispoortii 20 Onkololeessa 8 – 15, 2018tti kan dorgomamu yoo ta’u, Ispoorteessitoonni naannoolee 12 fi bulchiinsa magaalota lamaanirraa walitti babba’an irratti hirmaatu jedhaniiru.
Warqinaahi Gaashahuuntu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.