Finfinnee, Onkoloolessa 18, 2019(FMC)- Utubaalee diinagdee Itiyoophiyaa shanan keessaa qonni tokko.
Oomisha qonnaa guddisuu, omishtummaa dabaluufi qonna gabaa irratti xiyyeeffate babal’isuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa kenneera.
Keessumaa dameen oomisha fuduraalee kanneen akka Avokaadoo, Muuzii, Maangoo, Loomii, Burtukaanaa fi Paappaayaa wabii nyaataa mirkaneessuu, galii qonnaan bultootaa guddisuu fi sharafa alaa argamsiisuu keessatti gahee guddaa qabu.
Itiyoophiyaan biyyoota oomisha Avokaadoof haala mijataa qaban keessaa tokko taatus waggoottaniif dandeettii gama Kanaan qabdutti maa’ii bahaa hin turre.
Haa ta’u malee Mootummaan Ida’amuu qooda dameen kun guddina diinagdee biyyattii keessatti qabu guddisuuf damichaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjechaa jira.
Oomishaafi oomishtummaa Avokaadoo guddisuuf biqiltuuwwan sanyii filatamaa babal’isuu dabalatee hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiru.
Akka ragaa Ministeera Qonnaatti waggoottan arfan darban keessa Avokaadoo bal’inaan oomishuun bu’aa jajjabeessaan argameera.
Oomishni Avokaadoo Kanaan dura fedhii biyya keessaa qofaaf oolaa ture, yeroo ammaa gabaa alaaf dhiyaachuun biyyattiif sharafa alaa argamsiisuun diinagdee Itiyoophiyaa utubuu eegaleera.
Akka ragaa Ministeerichaatti bara baajataa darbe keessa oomisha idileefi kilaastaraa irraa oomishni Avokaadoo kuntaalli miiliyoonni 28 ol kan argame yoo ta’u, bara 2019’tti ammoo oomisha kuntaala miiliyoona 37 ol argamsiisuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Itiyoophiyaan bara 2018’tti oomisha misooma fuduraalee fi kuduraalee (Hoortiikaalcharii) irraa galii Doolaara miiliyoona 400 fi miiliyoona 90 kan argatte yoo ta’u, kana keessaas Doolaarri miiliyoonni 21 fuduraa irraa argame.
Kunis kana agarsiisu oomishaafi oomishtummaan fuduraa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuudha.
Waggoottan 15 dhufanitti Itiyoophiyaa addunyaarraa toora biyyoota Avokaadoo oomishuun fi gabaa alaatti erguun beekamanii hiriirsisuuf Sagantaa Misooma Avokaadoo hojiirra oolchuun hojjetamaa akka jiru ragaan ministeerichaa ni ifoomsa.
Walumaagala, oomishaafi oomishtummaa damee fuduraa guddisuun sharafa alaa argamsiisuu, wabii nyaataa mirkaneessuu fi galii qonnaan bulaa dabaluu keessatti qooda olaanaa bahata.
Bu’aa gama Kanaan argamu caalmaatti itti fufsiisuuf qaamoleen qooda fudhattoota garaagaraa qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa