Oomishaalee Ashaboo fayyaa hawaasaa irratti miidhaa geessisuu danda’an irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Amajjii 13, 2018 (FMC) – Oomishaalee Ashaboo fayyaa hawaasaa irratti miidhaa geessisuu danda’an irratti tarkaanfiin fudhatameera jedhe Abbaan Taayitaa Nyaataafi Qorichaalee Itiyoophiyaa.

Daayrektarri Itti aanaan Abbaa Taayitichaa Nagaash Simee ibsa kennaniin, dhaabbatichi Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa waliin ta’uun oomishaalee kanneen irratti hordoffii taasisaa akka ture ibsan.

Abbaan Taayitichaa hordoffii taasiseen Magaalaa Shaggaritti oomishaalee Ashaboo fayyaa hawaasaa irratti miidhaa geessisuu danda’an kuntaala kuma 13 ol to’achuu eeraniiru.

Oomishaalee kanneen irraa saamuda fudhachuun qorannoo gaggeeffameen adeemsa quqlullinaa kan hin hordofne ta’uun isaanii mirkanaa’eera jedhan.

Hawaasa dhukkuboota nyaataan walqabatan irraa ittisuuf to’annoon oomishaalee nyaataa irratti taasifamu cimee kan itti fufu ta’uus mirkaneessaniiru.

Hawaasni oomishaalee nageenyummaan isaanii hin eegamne wayita argu eeruu akka kennu gaafataniiru.

Hayilamaariyaam Taganyiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment