Finfinnee, Hagayya 29, 2017(FMC) – Ayyaanota fuula dura jiran uummanni haala gaariin akka kabajatuuf omishaaleen qonnaa fi indaastirii bifa ga’aa ta’een akka dhiyaataniif hojjetamaa jiraachuun ibsame.
Ittigaaftamaan Waajjira Daldalaa magaalaa Shaggar Obbo Bariisoo Tamasgeen Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, oomishaaleen kabaja ayyaanota kanneeniif hawaasni barbaadu gatii madaalawaa fi baay’inaan akka dhiyaataniif daldala seeraan alaa to’achuu, qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuu fi ga’ee hawaasni daldalaa hawaasa tajaajiluu keessatti qabu irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jira.
Haaluma kanaan oomishaaleen qonnaa fi indaaastirii karaa waldaalee, qonnaan bultootaa, warshaalee fi daldaltoota dhuunfaa Hagayya 25 irraa eegalee uummataaf akka dhiyaatuuf wiirtuuwwan gabaa sanbataa hundaa’anii jiran biratti dabalataan baazaariiwwanii fi argisiisni daldalaa torbee ayyaanaa kanaaf qindaa’anii akka jiran himaniiru.
Oomishaaleen dhiyaatan kunniin hammaa fi lakkoofsaan adda ba’anii karooraan akka qabamanis dubbatanii, magaalicha irras darbee magaalaa Finfinneef dhiyeessuuf waliigalteen mallattaa’ee hojjetamaa jira jedhan.
Ayyaanota kanaa fi daballii miindaa hojjettoota mootummaa akka carraatti fayyadamuun daldaltoota gatii dabalan to’achuun tarkaanfii fudhachuufis koreen hundaa’ee hojjetaa akka jiru Obbo Bariisoon dubbatanii, hawaasnis rakkoon akkanaa yoo isa mudatu waajjiraalee daldalaa naannoo isaa jirutti eeruu kennuu akka qabu hubachiisaniiru.
Hogganaa itti aanaan Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Tasfaayee Gashoo gama isaaniin, akka naannichaatti oomishaaleen ayyaanaaf barbaachisaan gosa, hammaa fi bakka itti dhiyaataniin adda ba’anii karooraan qabamuun godinaalee fi magaalota waliin hojjetamaa akka jiru dubbatan.
Oomishaaleen uummanni barbaadu gabaawwan sanbataa 594 fi baazaarota irratti dhiyaachaa jiraachuus kaasanii, keessumaa qonni magaalaa fi sagantaan maaddii guutuu dhiyeessii oomishaalee qonnaa keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Jijjiirama gatii oomishaalee qonnaa irratti guyyaa guyyaan mul’atan tasgabbeessuufis oomishtoonni kallattiin uummataaf dhiyeessanii gatii akka tasgabbeessaniif hojjetamaa jiraachuu kaasan.
Fichisiistoonni meeshaalee alaa galaniis bifa ga’aan akka dhiyeessaniif haalli miijachuu dubbatan.
Yoonaataan Biraanuutiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.