Oomishaalee Sharafa Alaa hambisan 96 …..

Finfinnee, Hagayya 13, 2017 (FMC)- Ministeerri Indaastirii oomishaalee gosa 96 sharafa alaa hambisan biyya keessatti oomishamaa jiru jedhe.

Galii Mootummaa guddisuu fi baasii sharafa alaa hir’isuuf indaastiriiwwan oomishaaleef xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhan Ministeerichatti Hogganaan Damee Sosochii Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu Dooktar Ayyaanaa Gabree.

Haaluma kanaan oomishaaleen sharafa alaan bitamanii biyya keessa galfamaa turan biyya keessatti bal’inaan oomishamaa jiraachuu ibsuun, kana keessaa 96 adda baafamuun indaastirii oomishaalee garaagaraa keessatti oomishamaa jiru jedhan.

Oomishaaleen kunneen oomishaalee alaa galaa turan bakka buusuu keessatti gahee olaanaa bahataa jiraachuu eeranii, Sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuun bu’aaleen argamuu kaasaniiru.

Hanga ammaatti hojiileen hojjetamaniin jijjiiramni argamuu kaasuun, rakkoo damichaan mudatu furuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Takkaalinyi Hayiluutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment