Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2018(FMC) – Indaastiriin Eronootiksii Iskaaywiin oomishaalee teknooloojii diroonii tajaajiloota adda addaaf oolan oomishuu cimsee itti fufa jedhan Itti aanaan Daayireektara Jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa obbo Sisaay Tolaa.
indaastirichi diroonota oomishu gosaa fi qulqullinaan baay’isuuf dhaabbilee adda addaa wajjin waliigaltee mallatteesseera.
Itti aanaan Daayireektara Jeneraalaa Tajaajilichaa Sisaay Tolaa akka jedhanitti, gama faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu fi bu’aa dinagdee fi tarsiimawaa qabuun teknooloojii diroonii humna ofiin misoomsuun dhimma yeroon gaafatuu dha.
Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Saamu’eel Kifilee ammoo Yuuniivarsiitichi qorannoo fi misooma damee kanaan geggeessu, akkasumas humna namaa leenjisuun Indaastiriin Eronootiksii ISkaaywin waliin tumsaan hojjechuuf qophaa’aa ta’uu dubbataniiru.
Hoji raawwachiisaa olaanaan Giruuppii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Masfin Xaasoo gama isaaniin, Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa carraa diroonota indaastirichaan oomishamanii fayyadamuu akka qabu eeraniiru.
Walabummaa biyyaa kabachiisuuf damichatti humna ofiin sirnaan itti fayyadamuuf tumsaan hojjachuuf carraan gaariin uumameera kan jedhan ammoo Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Giruuppii Indaastirii Injiinaringii Ittisaa obbo Gaataachoo Haayilamaariyaam.
Guraandhala 29, 2017 Minististira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin eebbifamee hojii kan eegale Indaastiriin Eronootiksii ‘Skywin’ diroonota nageenyaaf, bobbii odeeffannoof, tajaajiloota siivilii fi loltummaaf oolan oomishuu cimsee akka itti fufu ibsameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.