Finfinnee, Caamsaa 25, 2017 (FMC) – Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa Oomishaaleen biyya keessatti oomishamanii alatti ergaman guddachaa dhufan jedhe.
Ooomishaaleen biyya keessatti oomishamani fi alatti ergaman guddachaa dhufuu Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa obbo Ahimad Idiriis Faanaa Diijitaaliif ibsan.
Bara baajataa kana hanga ammaatti oomishaalee alatti ergaman irra galiin Doolaarri miiliyoonni 800 fi miiliyoonni 37 argameera.
Carraa Invastimantii naannichi qabuufi kenniinsa tajaajila mijataa taasisuuf hojiin teeknooloojiin deeggarame hojjetamaa jira jedhan.
Wayita amma baay’inni oomishaalee alatti ergamaniifi kan biyya keessatti oomishamanii daran dabaleera.
Abbootiin qabeenya 130 hojii daldala alarratti kan hirmaatan yoo ta’uu, kanneen keessaa 75 misooma Indaastirii Maanufakcheringirratti kan hirmaatan ta’uu ibsan obbo Ahimad.
Dandeettiin oomisha Indaastirii naannichaa %61 gahuu kan himan obbo Ahimad, damichaan lammiilee miiliyoona 2 fi kuma 500 ‘f carraan hojii uumameera jedhan.
Bara baajatichaa Abaaboo dabalatee oomisha toonii kuma 100 fi kuma 87 alatti ergamerraa galiin Doolaarri miiliyoonni 800 fi miiliyoonni 37 argameera.
Indaastiriwwan 107 gosoota oomishaalee 96 biyya alaa irraa gala turan biyya keessatti oomishuun toonii miiliyoona 4 ol gabaaf dhiyeessuun sharafa alaa Doolaara biiliyoona 1 fi miiliyoona 100 hambisuun danda’ameera jedhan.
Naannichatti abbootii qabeenyaa damee invastimantii garaagaraarratti hirmaataniif deeggarsi barbaachisu kan taasifamu ta’uu obbo Ahimad dubbachuun, Abbootiin qabeenyaa magaaloota akka Bishooftuu, Shaggar, Adaamaa, Moojoo fi magaaloota biroo keessatti hojii invastimantiirratti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.