Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2018 (FMC) – Naannoo Afaaritti Oomishni Boba’aa hatame Barmeelli 200 qaamolee hanna raawwachaa turan waliin to’atame.
Naannoo Afaar Magaalaa Loogiyaatti oomishaalee boba’aa karaa Jibuutiin gara biyyaa seenanirratti qaamoleen hanna raawwachuun shakkaman to’atamuu ibse.
Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa hordoffii taasisaa turen shakkamtoonni kunneen to’atamuu Abbaa Taayitaa Boba’aa fi Inarjiitti Daayrekterri Kominikeeshinii Baqqalachi Kumaan ibsaniiru.
Namoonni oomisha boba’aa konkolaatarraa hir’isuun gurguraa turan 10 to’annoo jala ooluu eeran.
Eeruu argame bu’uura taasisuun sakattoo gaggeeffameen manneen 13 keessatti boba’aan Barmeelli 200 to’atamuu himan.
Sakattoon osoo hin gaggeeffamuun duras Naafxaan hatame Barmeelli 48 to’atamuu Baqqalachi Kumaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniitti himaniiru.
Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.