Oromiyaarraa lammiileen kumni 100 fi kumni 33 bobbii alaan carraa hojii argatan

Finfinnee, Caamsaa 8, 2017(FMC) – Bara kana Oromiyaarraa lammiileen kumni 100 fi kumni 33 bobbii alaan carraa hojii argachuu ibsameera.

Lammiileen kunneen biyyoota waliigaltee bobbii hojii Ministeera Hojiifi Ogummaa waliin mallatteessanitti bobba’uu Hogganaa Itti aanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa obbo Waasihuun Golgaa ibsaniiru.

Obbo Waasihuun turtii Poodkaastii Faanaa waliin taasisaniin, lammiileen kunneen biyyoota akka Kuwaataar, Joordaanii fi Saa’ud Arabiyaatti bobba’uu kaasaniiru.

Kanaan dura lammiileen biyyattii karaa seeraan alaa gara biyyoota kanneeniitti imaluuf wayita yaalaa turanitti galaanaan nyaatamaa, kabajaafi wabii kan hin qabnee fi kaffaltiin isaaniif kaffalamus humna isaanii kan hin madaalle ta’uu yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaa kana garuu karaa ejensiiwwan mootummaa federaalaa irraa beekamtii argataniin hojimaata guutuu ta’e hordofanii kan bobbaafaman ta’uu ibsaniiru.

Haa ta’u malee dhaabbileen beekamtii hin qabne maqaa mana hojii federaalaa eeruun beeksisa biyya akka kanaatti ni ergina jedhu baasan jiraachuu kaasanii, kun immoo fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.

Namoonnis beeksisa sobaa Kanaan akka hin gowwoomfamnee fi baasiif akka hin saaxilamne hubachiisaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan.

Comments (0)
Add Comment