Finfinnee, Hagayya 16, 2017(FMC)-Buusaan Gonofaa Oromiyaa naannichatti aadaafiduudhaa walgargaarsa hawaasaa cimsuun lammii kennaa aadeffate uumuun danda’ameera jedhe.
Hoogganaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Mahammad Jundaan, kaayyoo Buusaa Gonofaan dhaabbateef bu’uura godhachuun hojii hojjetamaa jiruun Aadaafi duudhaa walgargaarsaa hawaasaa cimsuun lammii kennaa aadeeffate uumuun akka danda’amuu ibsaniiru.
Miidhaa balaa uumamaa fi namtolcheen uummatarra gahuu danda’u hir’isuun humni dandamannaa dabalaa dhufuu eeraniiru.
Hawaasni yeroo rakkoo akka waliif birmatuufi walbira dhaabbatu taasisuun, rakkooleen hawaas–dinagdee hedduu furuun akka danda’ame kaasaniiru.
Buusaan Gonofaa daangaa cehee hawaasaa naannolee garaagaraatti rakkoof saaxilaman damdamachiisuuf deeggarsa taasisaa turuus yaadachiisaniiru.
Dhaloota gahumsa qabuufi dorgomaa ta’e horachuuf hojii eegalame tumsuufis Buusaa Gonofaan barattootaaf nyaata dhiyeessaa jira jedhan.
Haaluma Kanaan bara 2017’tti Birrii biiliyoona 13 ol tilmaamamuun manneen barnootaa keessatti barattootaaf nyaanni akka dhiyaatu taasifamuu ibsan.
Sirna buusaa gonofaa lafa qabsiisuun damdamannaa jiru karaa hiikkaa qabuun cimsuuf miseensota bal’inaan horachuun murteessaa ta’uu ibsanii, sosochii hubannoo uumuu taasifameen miseensota dhaabbataa miiliyoona 27 ol horatameera jedhan.
Dhaabbaticha cimsuuf mata duree ‘hirkattummaarraa gara oomishtummaatti’ jedhuun humna dhaabbatichaa cimsuuf hojjetamaa jiraachuu kaasan.
Bara oomishaa 2017/18 lafa hektaara kuma 4 ol irra midhaan facaafamee kunuunfamaa jiraachuu kaasanii, kanarraayis calla kuntaala kuma 100 fi kum 25 ol kan abdatamu ta’uu eeraniiru.
Kana malees, dhaabbaticha dinagdeen cimsuun karoora humna ofiitiin damdamachuuuf qabame milkeessuuf warshaa guddaa Birrii biiliyoona 10 oliin ijaarsisuuf qorannoon xumuramuu ibsuusaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.