Finfinnee, Caamsaa 27, 2017(FMC) – Naannoo Oromiyaatti abbootiin qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 28 ol galmeessan kumni 1 fi 468 hojii misooma bunaarratti hojjechaa jiru jedhe Biiroon Invastimantii fi Indaastii naannichaa.
Abbootiin qabeenyaa Kaappitaala Birrii biiliyoona 28 fi miiliyoona 400 fi miiliyoona 70 ol galmeessan kumni 1 fi 468 hojii misooma bunaarratti bobba’anii hojjechaa jiraachuu biirichi ibsa Faanaa Diijitaaliif ergeen himeera.
Abbootiin qabeenyaa kunneen namoota kuma 16 fi 88’f carraa hojii dhaabbii fi kuma 69 fi 411’f ammoo carraa hojii yeroo uumaniiru jedhe.
Oromiyaatti abbootiin qabeenyaa misooma bunaarratti bobba’an oomishaa fi oomishummaa bunaa guddisaa jiraachuu fi teeknooloojii fi Paakkeettii misoomaa bunaa guutuun buna qulqullina qabu oomishaa jiru kan jedhan ammoo Hogganaa Itti aanaa fi itti gaafatamaa damee misooma Bunaa fi Muduraa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Mahaammadsaanii Amiin.
Oomisha bunaa alaatti erguun sharafa alaa argamsisuu, akkasumas Teeknooloojii bunaa madaksuu fi carraa hojii uumuurratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaas abbootiin qabeenyaa kunneen hojjetanii bu’aa qabeessa akka ta’anii fi hawaasa naannawaa waliin walitti dhiyeenyan akka hojjetan deeggarsaa fi hordoffii barbaachisu kennaa jiraachuu dubbatan obbo Mahaammadsaaniin.
Keessattuu abbootiin qabeenyaa kunneen Teeknooloojii bunaa madaksuu fi sanyii filatamaa babal’isuurratti hojii jajjabeessaa hojjetaa jiru jedhan.
Abbootiin qabeenyaa Godina Jimmaa fi Gujiitti misooma bunaarratti bobba’anis hojii fakkeenya ta’u hojjetaa jiraachuu obbo Mahaammadsaanii Amiin kaasaniiru.
Kombaayinara buna funaanuu fi sanyii filatamaa hawaasa qonnaan bulaaf dhiyeessuun qonna misooma bunaa ammayyeessuu keessatti gahee isaanii bahaachaa jiru jechuun ibsaniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia