Oromiyaatti adeemsi baruufi barsiisuu Fulbaana 5, 2019 eegala- BBO

Finfinnee, Hagayya 25, 2018 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti adeemsi baruufi barsiisuu bara barnootaa 2019 Fulbaana 5 akka eegalu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiseera.

Hogganaan Biirichaa Dooktar Tolaa Bariisoo ibsa miidiyaaleef kennaniin, bara barnootaa 2019’tti barattoota miiliyoona 13 fi kuma 500 barsiisuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Hanga ammaattis barattoonni miiliyoonni 5 fi kumni 300 galmaa’uu eeraniiru.

Sochii bara barnootaa 2019’f hanga ammaatti kitaabni barataa miiliyoonni 2 ol manneen barnootaaf raabsamuus kaasaniiru.

Xiyyeeffannoo mootummaan damee barnootaaf kenne bu’aa gaarii galmeessisuus dubbataniiru.

Cabiinsa barnootaa furuufis barsiisoota kuma 59’f leenjiin kennamuu yaadachiisaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment