Finfinnee, Amajjii 13, 2018 (FMC)_ Naannoo Oromiyaatti baatiwwan jahan darban galiin Birrii biliyoona 100 fi biiliyoona 60 ol walitti qabame.
Gamaaggamni raawwii hojii Mootummaa fi Paartii Mootummaa Naannoo Oromiyaa gaggeeffamuu eegaleera.
Gamaaggamichaan humna galii Naannoon Oromiyaa maddisiisuu danda’u bu’uura godhachuun galii naannichaa guddisuuf hojii hojjetamaa jiruun galiin walitti qabamu waggaa irraa gara waggaatti dabalaa dhufuun ibsameera.
Bara kanas maddeen garaa garaa irraa galii Birrii biliyoona 200 fi biiliyoona 87 ol sassaabuuf karoorfamee baatiwwan jahan darbanitti galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoonni 60 ol walitti qabamuun ibsamuu ragaan BKO ni eera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevisi
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.