Oromiyaatti bakkeewwan balaa lolaaf saaxilamoo ta’anitti hojiin of eeggannoo hojjetamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2017 (FMC) – Oromiyaatti raaga haala qilleensaa bu’uureeffachuun bakkeewwan balaa lolaaf saaxilamuu danda’an adda baasuun hojjechaan jira jedhe Buusaa Gonofaa Oromiyaa.

Waktii gannaa hordofee rooba roobuun balaawwan uumamaa mudachuu danda’aniif deebii hatattamaa laachuuf qophii ta’uu Buusaan Gonofaa Oromiyaa ibse.

Buusaa Gonofaa Oromiyaa caasaalee isaa sadarkaa hundatti argaman waliin ta’uun odeeffannoo fi hubannoo of eeggannoo miidhaa balaa lolaa kennaa jiraachuu Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Mohaammad Jundaan Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Kutaaleen Lixa Oromiyaa, Giddugaleessaa fi Bahaa waktii gannaa rooba guddaa kan argatan ta’uun ni beekama.

Haaluma kanaan Buusaa Gonofaan hawaasa, Lafa qonnaa fi qabeenya balaa lolaatiin ni miidhamuun sodataman hojii adda baasuu hojjechaa jiraachuu obbo Mohaammad himaniiru.

Kanaafis hojiilee misoomaa miidhaa lolaa xiqqeessuu danda’an hojjechuu(diichii qulqulleesuu, bo’oo bishaanii baasuu, lolaa maqsuu, daayikii qarqara lagaa hojjechuu fi babal’isuu akkasumas hojiin ittisa biyyee fi bishaanii hojjetamuu kaasaniiru.

Hawaasa balaa lolaaf saaxilamuu danda’aniif odeefannoo gahaa kennuun bakka balaa lolaan ni gaha jedhamee adda bahe akka irraa fagaatan taasisuufi kanneen biroo akka kallattiitti kaa’amuu dubbatan.

Roobni gannaa idilee fi idilee ol ta’úu isaa raagamuu ibsuun,
Godinaalee Jimmaa, Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu wallaggaa, Shawaa lixaa, shawaa kaabaa fi Harargee lixaa keessatti sigiga lafaa mudachuu danda’uuf hojiin hubannoo uumuu fi hawaasni of eeggannoo akka taasisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Aanaalee godinaalee Shawaa, Shaggar, Arsii lameen, Harargee laman, Godinaalee Wallaggaa, Gujii fi Bunnoo Beddelleetti balaan lolaa mudachuu waan danda’uuf hawaasni of eggannoo akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Caasaaleen mootummaa sadarkaan jiraanii fi kutaaleen hawaasaa saaxilamummaa gama kanaan mudachuu danda’u hubachuun tumsaa fi deeggarsa barbaachiisu akka taasisanis akeekaniiru.

Hawaasni iddoo lolaa fi sigigni lafaa itti uumamuu danda’u akkasumas qarqara lagaarraa fagaachuu akka qabanis himaniiru.

Akkasumas hawaasni odeeffannoo raaga haala qilleensaarraa Kennamu hordofuu fi hojirra akka oolchuuf qaamni hundi deeggarsa akka taasisuu kaasaniiru.

Buusaa Gonofaan hojii hubannoo uumuurraa hanga mudannootti hawaasa cinaa kan dhaabbatu ta’uu eeran.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment