Finfinnee, Adoolessa 6, 2017 (FMC) –Gamaggamni rawwwii hojii paartiifi Mootummaa Naannoo Oromiyaa gaggeeffamaa jira.
Bara baajataa xumurame keessa Misooma Turizimiin tuuristoota biyya keessaafi alaarraa waliigala Birrii biiliyoona 21 fi miiliyoona 4 waliiti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 42 fi miiliyoonni 4 ol argamu gamaaggamicharratti ibsame.
Oomisha albuudaa gabaa alaaf dhiyaaterraa galiin Doolaarri miiliyoona 700 fi miiliyoonni 69 ol argameera.
Galii Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 5 ol sassaabuuf karoorfamee biiliyoonni 100 fi biiliyoonni 99.9 sassaabuu eerame gabaasa dhiyaateen.
Manneen barnootaa kuma 9 fi 548 ijaaruuf karoorfamee kuma 10 fi 190 ijaaramuutu ibsame.
Istaandaardii manneen barnootaa fooyyessuu waliin wal qabatees kuma 2 fi 948 karoorfamee kumni 3 fi 461 raawwatamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
Nyaata barattootaa manneen barnootaa Godinaaleefi Magaalota Oromiyaa keessatti karaa guutuu ta’een dhiyeessuuf jalqabbiin gaarii jiraachuu gabaasichaan ibsameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.