Finfinnee, Amajii 9, 2018 (FMC) –Naannoo Oromiyaatti bara kana namoonni kumni 89 fi 655 sagantaa wabii nyaataarraa gara of danda’utti ce’an jedhe Biiroon Misooma magaalaa fi manneenii Oromiyaa.
Waggootii lamaan darban waliigalaan namoonni kumni 100 fi kumni 50 ol fayyadamoo taasisuun danda’amuu Hogganaa Itti Aanaan biirichaa obbo Birhaanuu Baqqalaan dubbataniiru.
Magaalaan Jimmaattis bara baajataa kana abbaa warraa kuma 3 ol ce’uun eebbifamaniiru.
Magaalichatti walii gala waggoottan sadan darban namootni kuma 38 fayyadamoo taasisuu danda’amuu Kantiibaa Itti aanaa magaalaa Jimmaa obbo Asraat Asheetuun ibsaniiru.
Birriin miiliyoonni 38 qusatamuus eeraniiru.
Abdurrahimaan Mahaammaditu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.