Oromiyaatti bara kana Piroojektonni jallisii 198 ijaaramaa jiru- BKO

Finfinnee, Sadaasa 2, 2018 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti bara 2018 piroojektonni jallisii 198 hojjetamaa jiru jedhe Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa.

Jijjiiramaan booda mootummaan tarsiimoo fi imaammata qabeenya bishaanii hojiirra oolchuun yaadama copha bishaanii misoomaaf jedhuun qabeenya bishaaniif xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jira.

Haaluma kanaan imala badhaadhinaa biyyi eegaltee jirtu galmaan gahuuf pirojektiiwwan jallisii garaagaraa diinagdee biyyatti humneessuu danda’an hojjetamaa jiru.

Naannoo Horsiise Bultootaatti balaa hongee mudatee ture ka’umsa godhachuun rakkoo bishaanii furuu fi horsiisa beelladaa cinaatti oomisha midhaanis akka jalqabaniif pirojektoonni jallisii Finnaa hojiirra ooluun fayyadamaa jiru.

Qabeenya bishaani guddaa jirutti fayyadamuun misoomaaf oolchuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jira.

Naannichatti bara 2018 tti pirojeektiwwan jallisii 198 hojjetamaa jiraachuun himameera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa humna bishaanii qabu hubachuun, karaa saayinsawaa ta’een, pirojeektii Finnaa ijaaree, Bishaan yaa’uufi roobaa hidhee hawaasni naannawaa gammoojjii dhugaatii namaa fi beelladaaf akka itti fayyadamu taasisa jira.

Qonnaan bultoonni rooba qofa eeggachuu dhiisanii jallisii ammayyaatti fayyadamuun bonas akka misoomsaniif kutannoon hojjechaa jira.

Bishaan bulchuun diinagdee biyyaa humneessuu akka ta’e hubatamuun pirojektoota jallisii hawaasa fayyadamoo taasisuuf mootummaan kutannoon hojjechaa jiraachuu ragaan BKO ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment