Finfinnee, Fulbaana 2, 2018 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2018’f Barattonni miiliyoonni 11 ol galmaa’aniiru jedhe Biiroon Barnootaa naannichaa.
Wiixata dhufu Manneen Barnootaa hundi adeemsa baruu fi barsiisuu kan eegalan ta’uu Sadarkaa itti aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Gorsaan Biirichaa Obbo Efreem Tasammaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Biiroon Barnootaa Oromiyaa Manneen Barnootaa naannicha keessa jiran hundi 05/2018 irraa egalee adeemsa baruufi barsiisuu akka gaggeessaniif kalaandara barnootaa bara 2018 hanga manneen barnootaatti gadi buusuu dubbatan.
Haaluma kanaan galmee barattootaa Hagayya 26, hanga Qaammee 5/2017 gaggeeffamaa tureen barattootni Mana Baruumsaa Bu’uura Boruu hanga kutaa 12ffaa jiran miiliyoonni 11 galmaa’uu himaniiru.
Biirichi Barattoota miiliyoona 13 galmeessuuf karoorsee turuu yaadachiisaniiru.
Leenjiin waliigalaa caasaalee barnootaaf dhimma baruufi barsiisuurratti xiyyeeffate boru irraa eegalee kan kennamu ta’uus eeraniiru.
Leenjichi maatii barattootaatifis kan kennamuudha jedhan.
Tsahaay Gulummaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.