Finfinnee , Caamsaa 12, 2017 (FMC)_ Naannoo Oromiyaatti bara kana barattoonni qormaata biyyaalessaa Kutaa12ffaa onlaayiniin qoraman wiirtuulee garaagaraatti akkaataa itti fayyadama kompiiwuteraa fi teeknooloojichaa shaakala eegaluu Biiroon Barnootaa Naannichaa ibse.
Naannichatti bara kana barattoonni kumni 200 fi Kuma 30 fi 974 qormaata biyyaalessaa kan fudhatan ta’uu Sadarkaa Hogganaa Itti Aanaa Biirootti Gorsaa Olaanaan Biirichaa obbo Efreem Tasammaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Kanneen keessaa barattoonni kumni 28 fi 691 onlaayiniin kan fudhatan ta’uu dubbataniiru.
Haaluma kanaan barattoonni qormaaticha onlaayiniin fudhatan akkaataa itti fayyadama kompiwuteeraa fi teeknooloojiirratti wiirtuulee qormaataa garaagaraatti shaakala jiraachuis himaniiru.
Barattoonni Kanneen biroo hundi Yuunivarsiitiitti kan qoraman ta’oo Obbo Efreem kaasaniiru.
Barattoonni sirnaan shaakaluun qormaatichaaf akka of qopheessan Obbo Efreem hubachiisaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.