Finfinnee, Onkololeessa 19, 2018 (FMC) –Naannoo Oromiyaatti barattoonni miiliyoonni 2 ol fayyadamoo tajaajila nyaata barattootaa ta’aniiru jedhe Biiroon Barnootaa Oromiyaa.
Bara 2018 barattoonni miiliyoonni 12 fi kumni 300 ol barnoota hordofaa jiraachuu Hogganaa itti aanaan Biirichaa Dooktar Bultoosaa Hirkoo Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Bara baajatichatti qulqullinaa fi waliingahiinsa barnootaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Haaluma kanaan hojiin galteewwan barnootaa guutuu qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Keessattuu raabsa kitaabiilee sadarkaa hundatti waliin gahuuf murannoon ni hojjetamaa jedhan.
Hojiileen dandeettii barsiisootaa cimsuuf hojjetaman cimanii kan itti fufan ta’uu ibsuun, maatiinis milkaa’ina qulqullina barnootaaf gahee isaanii akka bahatan gaafataniiru.
Naannichatti dhiyeessiin nyaata barattootaa hordoffii barattootaa cimsuurran darbee harcaatii barattootaa hir’isuu Dooktar Bultoosaan dubbataniiru.
Wayita ammaa barattoonni miiliyoonni 2 ol fayyadamoo nyaata barattootaa ta’uu eeruun, bara baajatichaatti gara miiliyoona 8tti ol guddisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Malaakuu Gaddiftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.