Finfinnee, Caamsaa 22, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti biqiltuun Bunaa biiliyoonni 2 fi miiliyoonni 700 qophaa’e jedhe Biiroon Qonna naannichaa.
Naannichatti oomisha bunaa sanyii filatamaa bal’inaan oomishuun oomisha bunaa dachaan dabaluuf hojjetamaa jira .
Haaluma kanaan Godina Qellam Wallaggaattis biqiltuun bunaa sanyii filatamaa miiliyoonni 300 fi miiliyoonni 80 ol qophaa’eera.
Biirichatti Daayirektarri Kominikeeshinii Indaashaw Jamaanaa Faanaa diijitaaliif akka himanitti, naannichatti oomishaa fi oomishtummaa bunaa dabaluuf biqiltuu bunaa sanyii filatamaa biliyoona 2 fi miiliyoona 500 dhaabuuf hojjetamaa jira jedhan.
Hanga ammaattis biqiltuun Bunaa biliyoonni 2 fi miiliyoonni 700
qophaa’aniiru jedhan.
kanaafis qophiin boollaa taasifamaa jira.
Biqiltuun bunaa sanyii filatamaa haala qilleensaa dandamachuu danda’an bal’inaan oomishamaa jiru.
Hogganaa itti aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Eliyaas Kadir Godina Qellam Wallaggaatti hojiilee misooma Qonnaa garaagaraa daawwataniiru.
Tsahaay Gulummaatiin.