Oromiyaatti bu’aawwan kalaqaa koolleejjota Pooliiteekinikaa fayyadamaa biraan gahuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Ebla 28, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti bu’aawwan kalaqaa kolleejjota Pooliiteekinikaa fayyadamaa biraan gahuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa beeksise.

Biirichatti Itti gaafatamaan Damee Leenjii obbo Nasraddiin Qaadii, kolleejjota kanneenitti hanqina gama ekisteenshinii indaastiriifi misooma ogummaan jiru furuuf leenjiiwwan yeroo gabaabaafi idilee kennamaa jiraachuu eeraniiru.

Kolleejjonni galteewwan indaastirii alaa galanii kan biyya keessaan bakka buusuurratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Maashinoonni qonnaa sassaabbii oomishaa, qindeessa nyaata beelladaafi kanneen biroof oolan kalaqamaa jiraachuu dubbataniiru.

Keessumaa hojiileen kalaqa teeknooloojii kolleejjota Pooliiteekinikaa Adaamaa, Shaashamannee, Bishooftuufi kanneen biroo keessatti hojjetamaa jiran jajjabeessaa ta’uu eeraniiru.

Kolleejjonni kunneen teeknooloojii akka kalaqaniif akkasumas bu’aawwan kalaqa isaanii fayyadamaa biraan akka gahaniif hojjetamaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment