Finfinnee, Mudde 2, 2018 (FMC)- Oromiyaatti bara kana buna ququllinni isaa eegame kuntaala miiliyoona 6 fi kuma 500 gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Qonnaa Naannichaa.
Naannoon Oromiyaa oomisha bunaa biyyattii keessatti % 70 gumaachiti. Bu’aa asirraa argamu guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhan Hogganaa Itti aanaan Biirichaafi Itti gaafatamaan Damee Misooma Bunaafi Muduraa obbo Mahaammadsaanii Amiin.
Jijjiiramaan booda mootummaan naannichaa innisheetiivii bunaa labsuun oomishaafi oomishtummaa bunaa guddisuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu yaadachiisaniiru.
Inisheetiivii kanaan buna lafa haaraa irratti babal’isuufi kan dura ture oomishtummaa isaa guddisuuf hojjetamaa tureera jedhan.
Haaluma kanaan naannichatti waggoottan jijjiiramaa darbanitti biqltuun bunaa biiliyoonni 9 ol dhaabamuu eeraniiru.
Hojii buna dulloomaa gamashuun sanyii fooyya’aan bakka buusuuf hojjetames oomishaaf oomishtummaa guddisuu keessatti qooda olaanaa bahachuu ibsaniiru.
Naannichatti oomishtummaan bunaa waggaa waggaan dabalaa jiraachuu kaasanii, bara 2012 oomishni bunaa naannichaa kuntaala miiliyoona 8 kan hin caalle ta’uufi bara 2017 kuntaalli miiliyoonni 15 fi kumni 600 ol argamuu ibsan.
Hojiin qulqullina bunaa guddisuuf hojjetames milkaa’ina olaanaa argamsiisuu eeruun, bara 2012 dura oomishni bunaa naannicharraa gabaa giddugaleessaaf dhiyaatu kuntaala miiliyoona 2 kan hin caalle ta’uufi bara darbe naannoo kuntaala miiliyoona 5 gabaa giddugaleessaaf dhiyaachuu himan.
Barana naannichatti oomisha bunaa kuntaala miiliyoona 16 ol sassaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasanii, buna ququllinni isaa eegame kuntaala miiliyoona 6 fi kuma 500 gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuuf hojjetamaa akka jiru Faanaa Dijiitaaliitti himaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.