Finfinnee, Adoolessa 29, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti bara baajataa 2018 daa’imman miiliyoona 7.5 ol fayyadamtoota sagantaa ijoollummaa duraa taasisuuf hojjetamaa jira.
Sagantaan ijoolummaa duraa Magaalaa Finfinneetti qofa hojiirra oolaa turuus ammaa naannoleetti hojiin babal’isuu hojjetamaa jira.
Naannoon Oromiyaatti bara baajataa 2018 Inisheetivicha fudhachuun naannawaa hundatti hojiirra oolchuuf murtaa’uu naannichatti qindeessaan sagantichaa obbo Taammiruu Taaddasaan dubbataniiru.
Haaluma kanaan aanaalee naannichaa 415 keessatti manneen barnootaa idileen duraa kuma 17 fi 200 ijaaruun sagantichi hojiirra akka oolu taasiifamuu eeruun, Buufataalee fayyaa 750 fi Hospitaaloota murtaa’an keessattis hojicha eegalchiisuuf sochiin godhamaa akka jiru ibsan.
Biirooleen Fayyaa, Barnootaa fi Dhimmi Dubartootaa fi Daa’immanii saganticha abbummaan dursaa jiraachuu obbo Taammiruun Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniitti himaniiru.
Bara kan daa’imman umriin isaanii waggaa 6 gadi ta’an miiliyoona 7.5 fayyadamtoota sagantichaa taasisuuf ni hojjetama jedhan.
Hanga ammaatti haadholii ulfaa fi Hoosisan miiliyoona 4.5 ta’aniif deeggarsi nyaata badhaadhaa taasiifamuu dubbatan.
Maatii fi Daa’immaan miiliyoona 11ta’aniif tajaajilli gorsaa kennamuu eeran.
Masaafinti Iyyaayuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.