Oromiyaatti dameen albuudaa namoota kuma 100’f carraa hojii uume- ATMAO

Finfinnee, Caamsaa 30, 2017(FMC) – Naannoo Oromiyaatti qisaasama albuudaa hir’isuuf hojiin riifoormii bal’aan gaggeeffameera jedhe Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa naannichaa.

Bara kana Misoomni albuudaa naannichaa akka cimuuf riifoormiiwwan garaagaraa hojjetamuu Itti gaafatamaan Waajjiraa Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa obbo Taaddasaa Tashoomaan yaadachiisan.

Hojiileen riifoormii hojjetaman haala hawaasa fayyaduu, qisaasama albuudaa hir’isuufi hojiilee alseerummaa damee kanarratti raawwatamu maqsuun danda’amurratti kan gaggeeffaman ta’uus Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.

Naannichatti waldaalee intarpiraayizii dabalatee abbootiin qabeenyaa kuma 2 fi 800 ta’an damee kanarratti bobba’uun hojjechaa jiru.

Abbootiin qabeenyaa kunneen albuudota indaastirii, ijaarsaa, miidhaginaa, sibilaafi inarjii irratti hirmaatanii jiru jedhan.

Dameen albuudaa carraa hojii uumuu keessattis gahee olaanaa qabaachuu kan kaasan obbo Taaddasaan, baatiiwwan kurnan darbanitti namoota kuma 100 ta’aniif carraa hojii uumuu ibsaniiru.

Baatiiwwan 10 darbanitti galiin Birrii biiliyoonni 1 fi kumni 900 damee kanarraa argamuufi Warqeen kiiloogiraamni kumni 7 fi 40 Baankii Biyyaalessaa galuu hubachiisaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan.

Comments (0)
Add Comment