Oromiyaatti Duulli Talaallii Ittisa Dhibee Pooliyoo eegale

Finfinnee, Mudde 3, 2018 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti talaalliin Ittisa Dhibee Pooliyoo guyyaa har’aa kennamuu eegale jedhe Biiroon Fayyaa Naannichaa.

Duula kanaan daa’imman umurii waggaa shanii gadii miiliyoonni10 fi kumni 500 talaallii kan fudhatan ta’uu Hogganaa Itti aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Duulli talaallii kun godinaalee Oromiyaa 21 fi magaaloota 23 keessatti kennamuu eegaluu dubbataniiru.

Duulli talaallii kun har’a irraa eegalee guyyoota Afuriif kennamas jedhan.

Tsahaay Gulummaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment